DHUGAA FI DHARA ADDAAN WALLAALUUN OF WALLAALUUDHA!

Qixxeessaa Lammii | Onkoloolessa 11, 2017

Dhugaan waan dhageettii fi argaadhaan mirkanaawe waan qabatamaa fi mul’ataa haalamuu ykn didamuu hin dandeenye tokkoodha. Dharti waan qabatamaa hin ta’inii fi mul’atne ykn dhageettii qofaan ta’uu malaan waan dharaa dhugoomsanii fudhatanii fudhachiisuuf dhaahessuudha. Addunyaa biyya lafaa tana irratti kan humna jabaa qabu dhara akka ta’ebeekkamaadha. Dhugaan humna baay’ee hin qabu. Kanaaf hawaasni dhala namaa dachii tana irra jiru harki caalu dhara dhugaa fakkaatuun bulaa fi wal bulchaa jira. Kan namraaju garuu barbaachisummaan dhugaa wollaalamee osoo hin taane osoo beekkamuu irra ijjatamee dharaan masakkamuu dhala namaati.

Xiyyeeffatnaan barruu kiyyaa garuu hiikkaa dharaa fi dhugaa barsiisuuf osoo hin taane waan adeemse QBO ABOn durfamtu keessatti natti dhagahamee fi natti mul’ate tokko ibsachuu barbaadeeti. Adduyaa tana irratti dhalli namaa kan dhugaan ajajamu/dhugatti buluu fi bulchu xiqqaadha. Kan wal miidhuu fi wal miisisus isuma. Kan wal himatu, wal faarsu, wal abaaru, wal komatus namuma. Dhugaa wal irraa fudhatuu fi walii kennuu irra dhara wal irra kaahuu fi dharaan wal deeggaruun amala uumaan dhalli namaa qabu ta’uun waan haalamuu miti. Cubbuun guddaan garuu daba kana of irratti wallaaluudhan namuu abbaa dhugaa ta’ee of dhiheessuudha. Namni hojjatu ni balleessa, ni tolcha. Ta’e jedhee waa balleessuu fi ni tolchatti waa balleessuun garuu garaagarummaa guddaa qabdi. Kan ni tolchatti balleesse irraa baratee deebi’ee tolchuu danda’a waan ta’eef abbaa badii ta’uu hin danda’u.

Kan ta’e jedhee saganteeffatee balleesse garuu abbaa badii ta’uu jalaa bahuu tasa hin danda’u. Dalagaa gosa kamuu keessatti akkuma ajajaa fi ajajamaan jiru, himataa fi himatamaanis yoomiyyuu hin dhabaman. Dubbiin jiru garuu himataan yeroo hedduu himatamaa irratti yakka tuuluu hojii taasifata. Miidhamanii fi dhugaa dabsuun/dhoksuun garuu abbaa dhugaa nama hin gootu. Wal diddaan dhala namaa giddutti dhalatu kamuu sababa irraa ka’u qabaata. Yaadni wal hin simatne wal loluun qaamaan walitti bu’utti nama geessa. Kun jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti waan ta’aa ture, ta’aas jiraatuudha. Kana asuma irratti gabaabsa.

Dhimma xiyyeeffatnaa barruu kiyyaatti yoo as deebi’e, QBO, ABOn geggeeffamtu keessatti wal dhabbiilee tatta’aa turan of duuba deebi’ee gamaagamee kan ani irra gahe waan gabaabaa tokkodha. Qabsoo saba guddaa murni xiqqaan akka laayyotti dhuunfatee geggeessuu akka hin dandeenye ifaadha.hojiin tuura xiqqaa gurmeessuu, qindeessuu fi qajeelchuu qofa. Kana irraa kan hafe, sabichatu dhimma waloo isaaf waloon dhaabbatee falmata. Murni xiqqaan ummata hamman baay’atu yeroo tokkotti ijaaree, qindeessee, hoogganee falmachiisee maaf wayitti hin baafne jedhanii yaaduu fi gaafachuun garuu dogongora guddaadha. Yaadaa fi gaaffiin akkanaa fageessanii/bal’isanii ilaaluu hanqachuu irraa madda. Rakkana qabsoo kana keessa ture keessaa kun ijoodha.

Miseensaa hamma hooggana sadarkaa ol aanuutti namootni dhaaba kana keessa turanii sababoota adda addaatiin dhaaba isaanii keessaa bahanii dhaabaa fi hooggana dhaaba kanaa irratti olola maqa xureessii oofan irra hedduun isaanii miidhama ofii malee miidhaa ofii isaanii geessan irraa hammuma tokkollee kan ibsan/himan hin dhagahamne, hin mul’atnes. Dhugaa namaaf galchuun dhugaa dhaban argachuuf nama gargaara. Hooggana dhaaba kanaattu akkana nu godhe jechuu bira dabranii nutis akkana isa goonaan isaanis akka nu godhan jechuun yaada madaalawaa dhugaan wal qabate dubbachuu irraa namoota dhaaba kana irraa bahan hunda haala wal fakkaatuun maaltu afaan isaan qabe? Dhuguma osoo dhugaa qaban dharaan dhaaba kana irraa dhiibamanii ari’amanii? Deebii gaaffii kanaa isaanuaaf dhiisee bira dabra.

Kan na dhibe inni guddaan garuu isa osoo hin arginii fi hin mirkaneeffatin dhagahee qofaaf jette jetteedhaan dhara dhugaa fakkeessee facaasuudha. Inni akkasii kun akka hubatnoota kiyyaatti dhugaaf falmaa fi dharaaf falmaa isaatuu waan beeke hin fakkaatu. Bara gadoo fi galatni wal jijjiranii bakka walii isaanii qabatanii dhala namaa waliin ficchisiisaa jiran keessa jiraachuu keenya hin hubatne natti fakkaata.

Har’a QBO ABOn hoogganamtu irratti ololli namoota muraasaa akkasiin adeemsifamaa jiramu gurra nama duucha. Oromoon ololu, ololuu malee akka of irratti ololaa jiru garuu hin beeku. Inni hooggana dhaabaatti mufii qabullee badii irratti dalagame malee badii ofii dhaabaa fi hooggana dhaaba isaa irratti dalage kan himatu hin turre. Keessumaa yeroo ammaa kana keessatti namootni midiyaa alagaa irratti bahanii dhaaba saba ofii irratti olola fakkataa oofan of kabajchiisuudhaaf moo, of salphisuudha? Tin’isa qaama ofii irraa dhaban qaama biraa irraa argachuufii laata?mee jaarraa kana keessatti doofummaan kana caale ni jiraa? Kanaaf namoota akkanaa fi namoota haasawa isaanii qaccee qabatanii hafrsaa jiran cufaanuu beektota Oromooti ni jetna taanaan Oromoo walii gala tuffachiisuu ta’a.

Wal komatuun dhala namaa kamiyuyuu jiddutti ni dhalata. Komii qaban ofitti himanii, walitti himanii of araarsanii wal araarfatuu irra hayyummaan caalu hin jiru. Duuba olola mi’eeffamee hooggana dhaaba kanaa irratti geggeeffamaa jiru gurri Oromoota garii dhugaa seehee yeroo hidhii gaddaa waliin xuuxan dhaga’ama. Dharti dhugaa fakkaattee nama seentee dhukkuba taatee akka wal nama ficcisiiftu beekuu dhabuun gaarii miti. Keessumaa ummatni maqaa dhaaba kanaan diinaan reebamnee lubbuu keenya baafachuuf baqatne jettanii sobaan hiree biyya sadaffaa argattanii ala jirtan hooggana dhaaba kanaa irraa waa himuun dura itti dhihattanii dhugaa jiru qulqulleeffachuu qabdu.

Gosaaf, amantiif, firummaa fi hariiroo ilaalchaa tokko qabaachuu qofaan kaan deeggaruu fi kaan balaaleffachuun nama dhugaa nama hin taasiftu. Ilaalcha fedhan qabaatanii fi hariiroo gara garaa waliin qabaataniifis wanti dhugaa irra namatti aanu hin jiru. Dhugaan wal jaalachuu fi wal jibbuu giddutti miidhamuu hin qabdu. Kanaaf, namootni ala kanaa hooggana dhaaba kanaa irratti xurumbaa dharaa afuufaa jiranii fi obboleeyyan keenya hooggana dhaaba kanaatti mufattanii dhaaba keessaa baatan yoo dandeettimmaan isaan horatanii qabdanuu kanuma ta’e baay’een isaanitti gadde. Dhimma QBO walii galaa irraa dubbachuu dhiisanii haasawa daa’imman Oromootuu har’aan tana hin haasofne miidiyaa alagaa irratti dhihaatanii haasawuu isaanii irraa ummatni Oromoo akkaan isaanitti rifate. Afaan walii ta’anii waliif dubbachuu qofa osoo hin taane afaan gosootaa ta’anii bakka bu’ummaan dhihaatanii haasawa fokkataa haasawuun isaanii waan ceeraatti.

Hamma humna Oromoo laaffisuuf ykn diiguuf ta’e jedhanii halkanii guyyaa boqqonnaa tokko malee olola dharaa hooggana dhaabaa irratti facaasan dandeettii qaban mara diina Oromoo dhabamsiisuu irratti maaf hin oolchine? Deebii gaaffii kanaas isaanuma dhimmi ilaallatuuf dhiisee dabre. Inni biraa ammoo, hoogganni ABO kan durii fi kan har’aas hir’ina hin qaban namni jedhee falmu hin jiru. Isaanuu hanqina hin qabnu jedhanii kan falmatan hin dhagahamne. Hojjatnaan balleessan malee osoo hojjatuu baatanii hin balleessan ture. Kan hooggana qabsoo irratti badii hojjatetti murtii itti kennu ammoo, abbaa qabsichaa ummata bal’aa Oromooti malee murna woyuu hin dalagin kan ala dhaabbatee diinaaf dalaguu miti. Isaanis dhuguma dhala Oromoo yoo ta’an gochaa itti jiran kana irraa of qusatuu malan. Jabaatee laafee, beekee wallaalee, gootomee daboomee Oromoon Oromoodha. Oromoon dhugaa malee dhara hin jaalatu. Shira alagaan dhaalchise maxxafatee ittiin wal balleessuu hin qabu. Oromoon dhugaa dubbachuu fi dhugaa dhagahuu fedha. Waan dhugaa hin ta’in dhugaa fakkeessanii dhiheessanii qofaaf mirkaneeffatu malee Oromoon dhara dhugeeffatu hin jiru.

Kanaaf, yeroon yeroo midiyaa alagaatti wal himatan osoo hin taane yeroo gamtaan diina keenya TPLFtti duulludha. Falli rakkoo walii gala Oromoo walabummaa fi bilisummaa qofa waan ta’eef rarraga qabsoon keenya irra gahe kana of duubatti deebisuuf Oromoon diinaaf hojjatu jiraachuu hin qabu. Ummatni keenya walii galatti keessumaa addatti QBO ykn Qeerroon Bilisummaa Oromoo garaa garummaa dharaa fi dhugaa sirritti adda baafachuun dhugaa qofa qabatee qabsoo isaa gara fuula duraatti furgaasaa jira. Dhugaa fi dhara addaan wallaaluudhaan warri jaanjawanii qabsoo walabummaa fi bilisummaa finiinte tana har’as ija bir’aatiin dhaabbatanii ilaalan aduun dhiite hamma dhuma jireenya isaaniittuu irraa hin bariitu. Kanaaf dhalli Oromoo kamuu garaa garummaa dhugaa fi dharaa adda baafachuu dhabuun wallaalummaa jeefa hin qabne ta’uu baree olola farreenii fi diinotaan hooggana ABO irratti oofamuuf gurra kennuu hin qabu!

Injifatnoo Ummata Oromoof!

Qixxeessaa Lammii.

No comments yet.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions