Muka Mukarratti Muran Malee Foon Foon Irratti Hin Muran! – Kutaa 1

Qixxeessaa Lammii | Onkoloolessa 09, 2017

Kan dabre yaadachuun wal yaadachiisuun kan ammaa beekuun wal hubachiisuu fi kan dhufuuf jiraatu tilmaamuuf nama gargaara. Seenaan jiruu fi jireenya ummata tokkoo madhaa maatii irraa akka jalqabu beekkamaadha. Haalli seenaa jiruu fi jireenya isaa dhawaata guddachaa, baay’achaa, babal’achaa fi hubachaa deemuun faana dagaagaa fi beekkamaa deema Dhalli namaa dhuunfaa irraa ka’ee hamma sabaa fi hawaasa addunyaa walii galaatti seenaa of danda’e kan mataa isaa akka qabu beekkamaadha. Seenaan isaa kan himaansaa fi kan barreeffaamaan taa’ee dhufaa dabru ta’uu danda’a. Gabaabatti haa toluu, haa hammaatuu dhalli namaa kan seenaa hin qabne hin jiru. Seenaan dhugaa argaa dhageettii irratti hundaa’a. Argama dhala namaa irraa kaasee hawaasni kamuu hidda latiinsa mataa isaa qabaata. Dhalli namaa kan shanyii irraa dhalate hin qabne hin jiru.

Waliif rifatuun garuu, wal irraa dhalachuu, waliin dhalachuu fi waliin jiraachuu irraa madda. Gara nyaattoon dhalli namaa uumamaan waliif qabaachuun sadarkaadhaan haa wal caalu malee dhugaa hin haalamne akka ta’e ifaadha. Nama dhiisaa bineensotnuu garaa wal nyaatu. Akka uumamaan walitti aantummaa qabaniin balaa isaan mudatu hundaa wal irraa ittisuuf tattaafatu.

Dhalli namaa ammoo kana daran waliif dhimma. Ollaan ollaa isaa hin tuqu. Dhibdee dhalattu haasawa karaa nagayaatiin fixata. Ijoon barruu kiyyaa waan heddu of keessaa qaba. Inni duraa Oromoo walii gala ilaallata. Oromoon miiliyoona 50 olitti bekkamu kun dhala dhiiga tokkoo waan ta’eef nama tokko malee nama lamaa miti. Dhiigaan tokko ta’uu irra wanti tokko nama taasisu hin jiru. Seenaan, afaan, biyyi, amantii fi wanneen biroo garuu guyyaa keessa dhawaataan kan dhufaniidha. Dhiigaan tokko ta’uun wal amataa, wal abdii, wal dhageettii fi waliif abboomuu namaaf gumaacha. Dhalli akkasii wal malee jiraachuu ykn wal irraa duroomuu hin danda’u. Ummata wal malee hin qabne cimaa kana Habashaan gargaarsa biyyoota faranjiitiin gargaramee humnaan gabroomfatee bara dheeraaf afaan afaan godhee itti taphachaa ture.

Aduun dhite bar’uu hin ooltu. QBO bara dheeraaf haala gara garaan geggeefamee arma gahe galatni haa gahu. Ummata gosaan, amantaan, qubsumaan, loqodaanii fi kkf adda hiramee gabra Habashaa ta’e bayyanachiisee kunoo sarara ganamaa irratti deebisuu danda’ee jira. Wal jibbuu dhiisee wal jaalachuu, wal kabajuu, waliif dhimmuu irra gahuun isaa kun ammo Habashootaa fi fakkaattota isaa cufatti martoo ta’ee jira. Ummatni Oromoo uumamaan ummata gara laafessa ta’uun waan haalamu miti. Of bira dabree ummata ummata biraatiifuu tola ooluudha. Fanfansaa tokko malee dhala namaa kamuu ofitti qabee ummata waliin jiraatuu beekuudha.

QBO ABOn dhaalamtee waggoota dheeraaf bifa sona qabuun deemsifamaa turte kunoo daraartee asheetaa jirti. Dhaabbileen Oromoof qabsaawan kanneen dhaaba kana irraa sababa gara garaan fin’aaranii fi OPDOn kaleessa dhaaba ilmaan Tigree TPLFn qajeelfamtus Rabbiin galatni haa gahuu kunoo qiddii walabummaa fi bilisummatti geessu irra buutee jirti. Sodaa tokko malee saba isiitiif quuqamuu jalqabuun isii garaa garummaa dhaabbilee ABOtti masaawaanii fi hawaasa keessas hamma tokko turellee dhiphisaa jira jechuun ni danda’ama. Dhiphisuu qofa osoo hin taane gonkumaa dhabamsiisuuf yoomiyyuu caalatti akka fedhii ummata isii faana tarkaanfattu daran jajjabeessuun barbaachisaadha.

Dhaabbileen Oromoo, biyya keessaa fi ala jiranis tokkummaa ummata keenya walii galaan mirkanaawe kana gufachiisuuf yaaluun salphina waan ta’eef gocha fokkataa akkanaa irraa of qabuudhaan akka dhuunfaatti waa gochuun danda’amnaan gochuu, dadhabnaan ammoo qaama waa gochuuf tattaafatu dura dhaabbachuu dhabuun hayyuummadha. Namootni gabrummaa umriin gabaabbatte deebisanii Oromoo irratti dheeressuuf gola Paltalk fi midiyaalee hawaasaa fi dhuunfaa gara garaa irratti yaa’anii xibaaranillee gocha fokkataa irraa hin tolle kana irraa akka dhaabbatan abdiin qaba.

Keessumaa sab-himaalee alagaaf wal dhabbii dhaaba isaanii waliin akka dhuunfaatti qaban akka wal dhabbii kaayyootti ol fuudhanii hafarsuu dhiisuun barbaachisaadha. Dhalli Oromoo beekaadha. Beekaan akkanattuu beekaa wallaalaa gorsi hin danda’u. Oromootni dubbiin tun ilaallattu akka sirraahan hin shakku. Bifa walii galaan dhalli Oromoo hundi huuba wal irratti guuruu dhiisuu qaba. Wal abaaruu fi wal arrabsuun alagaa gammachiisuu fi gargaaraa akka ta’e beekuun gocha hamaa akkasii irraa of qusachuun gaariidha.

Alagaan sochii Oromoon irra jiru dura dhaabbachuuf of duuba akka hin deebine gocha Abdiilee irra ragaa qabatamaa biraa barbaaduu hin barbaachisu. Uleen abbaa murate fakkaatti. Namichi kun dhala namaa biraaf hafnaan dhala irraa dhalate miseensota waraana ONLF kan dhalootaan dhiiga isaa ta’an reeffa isaanii mataa irra dhaabbatee nama suuraa ka’ee face book irratti gadi of dhiiseedha. Sammuu Mallas Zeenawiitiin hojjata waan ta’eef maaliif dhala Oromootiif gara nyaattii dhabe jedhanii komachuun hin barbaachisu. Ummatni Ogaden Oromoo waliin hariiroo obbolummaa guddaa qaba. Ummata hidhata cimaa bifa hedduu qabu daangaan lafaa wal isa hin dhabsiiftu. Ummata hara’a hafnaan borus wal irraa duroomuu hin dandeenye duuba dhaabbatee akka wal fixaniif kan walitti duchiisaa jiru hortee Mallas akka ta’e ifa jira. Sareen abbaa duulaa nama dhiiftu hin qabdu. Gaafa du’e abbaa duulaa isiis numa nyaatti.

Addunyaa kana irra mootummaan waaraan hin jiru. Mootummaan kamuu dhufaa lufa. Dhaabbataan ummata. Ummatni Ogaaden kan gocha saroota Abbaay Tsahaayeen ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru gammachuudhaan simattan boru gaabbuun keessan akka hin oolamne beekuu qabdu. Warri gocha hamaa qajeelfama ilmaan Tigraayiin ummata lamaan giddutti deemsifamaa jiru kana kallattiin alaa keessatti dura dhaabbattan firoomni isin Oromoo waliin qabdan dacha dacha akka ta’e beekkamaadha. Tattaaffii itti jiran daran jabeessanii ilmaan isaanii kan isaan dhagahu gocha hamaa kana irraa akka of qusatan gorsuun barbaachisaadha.

Ummatni Tigraay ilmaan isaanii akka saree maraattee biyya keessa facaatee bakka maratti dhala namaa bochoran cal’isanii ilaaluun akka jagnummaatti ilaaluu irraa akka ta’e ifaadha. Silaa firooma sabaa fi sab-lammoota biyyatii boruu irraa dantaa qabaatanii ilmaan isaanii gorfachuu fi qabachuu hin dadhaban. Ilma gaalaa simbira gaalaa dhahee ajjeesse ta’anii akka balaan itti galuuf deeman hin wallaale. Boba’aan ibidda irratti raphan balaa akkam akka geessu osoo beekan cal’isanii ilaalaa jiran. Lubbuun danuun dhala biyyattii qajeelfama ilmaan isaaniitiin bade gumaa lubbuu malee akka hin baane tolchanii beeku. Balleessinee haa nu balleessan dhaadannoo jedhu kan maxxanfatan ta’uu beekuu barbaachiisa. Kanaaf, haadha ajjeessan rimeennis ni du’a waan ta’eef shiftoota sabaa fi sab-lammoota ilmaan Tigreen ijaaramanii isaaniin deeggaramanii qajeelfama isaaniitiin ummata keenya irratti duula bal’aa roga hundaan banan kana of irraa dhaabuuf falli guddaan matoota TPLF adda durummaan balleessuudha. Achi booda raacha haroon irraa gogde dhuunfachuun hin ulfaatu. Sadarkaa itti aanutti dhalataa Tigree bakka jiran maratti ija itti baduu fi hariiroo duraan waliin qaban irraa kutachuu danda’uudha.

Tarkaanfii kana milkeessuuf caasaan mootummaa Oromiyaa adda durummaan gadirraa hamma oliitti qindoomina kana keessaa qooda qabaachuu qaba. Caasaa mootummaa naannoo Somaaliyaa kan Oromiyaa keessa jiranis qoratanii tarkaanfii laalessaa malu irratti fudhachuudhaan barsiisuudha. Dhaabni OPDO ummata isaa cinaa dhaabbachuu eegale cimsee itti fufuu qaba. Asii achi qajeelfama Wayyaaneen harka Oromoon Oromoon galaafatamuu hin qabu. Foon foon irratti muruun dhaabbachuu qaba. Walii keenyaan walii keenya caphsuun dhumachuu qaba. Oromoon of danda’ee kophaa isaa dhaabbachuu qaba.

Gabaabatti dhalli Oromoo armaa achi muka mukarratti muran ta’uu hin qabu.

….itti fufa….

 

No comments yet.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions