Tapha Siyaasaa/Qumaara Siyaasaa Oromoo Irratti Murna Wayyaanen Taphatamaa Jiru

Tapha Siyaasaa/Qumaara Siyaasaa Oromoo Irratti Murna Wayyaanen Taphatamaa Jiru

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

(Qeerroo) — Waan Oromoo irra gahaa ture dararaan uummataa hidda jabeeffachuuf munyuuqaa jiraachuun beekamaadha. Haalli Oromoon keessa jiru amma haalli qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ammaa kun kan akka amna darban faana wal kiphu miti. Sochiin diinni qiyyeeffatee Oromoo irratti raawwataa jiru danabaalee jira. Kan uummaanni taasisus akkanuma. Taphni siyyaasaa TPLF’f garaaf bultoota ishee OPDO tapha bakka lamatti qoodamuudha.

  1. Tapha Adii ykn Tapha Mul’ataa
  2. Tapha Gurracha ykn Tapha Dhokataa

  1. Tapha Adii ykn Tapha Mul’ataa

Tapha Tigirooti gartuu arcaatuu ilmaan Oroomootti akka silmii maxxantee dhiiga xuuxaa turte OPDO faana gaggeessan keessaa kan dursa hojolmaa ykn hoojirra olmaan ariifatee socho’udha. Tapha kana ariitiin akkuma isaan uummatarratti gaggeessan ariitiin baruuf nii salphata. Iciita tapha Adii kana ariitiin hayyoonni Oromoos Oromoonis nii bara. Taphni kun yeroo hedduu waan bakkee duraa bahuuf gufuu heddata. Milkii isaarra Miilla Qeerrootu ejjetee Hiddii fardi irra ejjete godha. Tapha kana yeroo sardamsaa falaaf malli dhibu ariitiin itti seenu. Taphni kun gaafa gufuu jajjabaa godhatuuf danqaraan itto hammaatu tapha biraa jijjiiru. Oromoo irratti kumaaraan ilmaan nafxanyaan taphatamu ariitaan kan fandalalee uummata keenya gonofuuf akeekama. Akeeka sana yeroi hedduu tapha Adii kanatu hoojirraa olmaa duraa naaffisa. Kumaaraa karaa salphaan uummatarratti Oroomoo irratti gad fe’an daddaffiin qaroon hawwaasaa, qaroon dhaabbolee siyyaasaa, qaroon barataa, qaroon barsiisaa nii arga. Taphota kana dura dhaabbannoon uummatarraa qolachuuf qaamni gahaan kamuu kan argudha. Miidhama uummatarraa dhaqqabuuf akeekamu inni ifaan kun kanaaf yeroo hedduu fashala. Akeeka yaadan akka hindhaqqabne isaan daqa. Kanas humna baajetaa isaanii waan qusatuuf irra deddeebiin tapha gurrachatti ykn tapha dhokataatti utuu hince’in garroota ishee gejiba godhachuun murnoota haadha garaa OPDO qabattee yeroo yeroon uummatatti nii marmaarsifti. Akeekni kun habadan bakka yaadan hingahuuf. Kumaara tapha Adii kana keessatti yeroo hedduu nyaatamanii warra injifatamoo taasifamu. Injifannoon uummanni irratti argamsise takkaaf akka haamilee isaan buuse hinimatan malee saatii injifatamanitti namoota mudhukoo ta’u. Gargaarsaaf watwaannaa jabaas ukkaamfatanii dhageessifatu. Saatuu injifatamanitti gartuun saamtotaa kun nii riphu. Qaaniif waan jedhan hanga dhabanitti gahu, jecha walitti idaa’atanii hanga of haamiloomsanitti jijimaa of ruuqo. Ruuqqoo tolfatu. Bakka dhokatanii injifannoo fuulduraaf of qopheessan mijeeffatu.

Gartuun diinaa kun tapha adii ykn mul’ataa kana bifaaf haalluu jijjiiraniis fidu. Sun taphuma aduu sanatti haguuggii tolchuuf kan abbalsiisudha. Haguuggiin Tigirootaa kun haguuggii billaachi dhagaaf baallee isaa kaadhimu fakkaata. Taoha isaanii kana ukkaamsuu hindanda’u. Keessa isaatu ifaadhaa. Adii waacaadha. Fagoorraa xiyyi isaan uummata ittiin rukutuuf tolchan mul’ata. Saatuu taphi jalqabaa kun hojii eegalu uddeellattoonni isaanii gartuun naatoo dhala namaa hinqabne kanneen akka OPDO fi fakkoottonnishee fe’isa hamaatu itti fe’ama. Uddeellaa jabaa uddeellachuu jalqabu. Garaa isaaniif buujalee halagaaf cinii ishee sooruu eegalu. Taa’iin ta’anii ka’isaaaniin ka’u. Akkuma Kannisaa biyya nagaa keessa dannabsuu jalqabu. Nii labu. Kan argatan qaqamsiisaa sochii jalqabu. Uummata nagaa daraaruu hojii godhatanii itti fufu. Kanaanis ilmoof hadha addaan tamsaasu maatii gargar facaasuutti fuulleffatu. Bitima buusanii dhaloota nagaa dhaloota olademoo hallayyatti naquu hoj-guyyuu taasifatu. Biyya nagaa nagaa booressanii biyya naga dhabde fakkeessu. Dararaa uummataaf qabsaa’ota karaa nagaatti diinooma daneessu. Adamoo falmattoota haqaa fardeessanii qoonqoof qooksanii gorra’u. Biyya boohichaan dabaalsisu. Taatus akeekni sun dura dhaabbannoo jabaan tinfa qabsaa’ota nagaa sanaan danqaramee karoora diinaa laamshessa. Firii akeekaaf qiyyaafannoo halagaatu qabsaa’ota kanneeniin dooma. Haallu sochii diinaa akka malee arboomsamee ilaalamuu dhabuu isaa waliif labsuun qabsaa’otni daandii haqaa qabatanii turatan sochii jabeessanii taasisu.

Taphi Adiin kun torban torbanii kuulamti. Ji’a ji’aan haaromti. Kuulii jabaa tolfachuuf hawwii haa qabaatan malee kuula isaan kuulanii irra deebiin uummatati gad lakkisan ammas dabalataan iftee mul’atti. Kuuliin bareechuuf torbaniin yoo akeekanii bifaaf fuula jijjiiruun itti hammaatte, ji’aan haalluu bareedaa bifa isa duraa ukkaamsuun dhoksee golgee baasuu malu dibu. Haalluu isaan dibanii akeeka duraa fashalu hojiirra oolchuuf abbalanis folloqee bifa isa duraa akka argisiisu gochuurratti qiyyaafanniof bilchinni uummataa dimursee abbala. Abbaalti walii kennamtuun ammas harkaa fashala. Akeekni isaanii haala kanaan akka duraa fashaluuf yaadaaf akeeka hinqaban. Kanaaf irra deddewbiin obsa jabaan uummatatti gadi buusuu yaalu. Haalli tapha isaanii kun dirqama kisaaraa keessa isaan galcha. Kisaaraa kanas dhoksachuuf waan gochuu qaban mara gochuun ukkaanfachuu nii yaalu.

Taphi Adii ykn mul’ataan kun duraa milki dhabeessa yoo ta’u carraa isaanii ammallee irra deddeebiin akka nama carraa Lootorii yaaluutti itti fufiinsaan yaalui biraa yaalu. Yaalii isaanii itti fufuun abbaltii jabaa jaloota isaaniif kennanii hojiirra olmaa isaas akka nama bokkaa garaa waaqaa keessaa eegutti harka isaaniirra eegu. Yoo akka isaan akeekanii baasanitti hojiirra oolchuu baatan isaanuma irratti tarkaanfii fudhachuu eegalu. Kanaanis milkiin isaanii akka galma gahuuf carraa itti aanutti ce’u. Tapha Adii (dhokataa)  ykn kumaaraa Wayyaaneen uumatarratti taphattu kun kanneen hanga ammaa keessaa fknf

– Jijjiirraa magaalaa guddoo Oromiyaa ka gara Finfinnee

– Master Planii akeela fuulduree hamaa qabu

– Jijjiirraa tartiiba qubee, kan duubaan qubee balleessuuf akeeku jechuu dandeenya. Kunnee wantoota halaalatti argaman ture. Keessattuu gartuun diina bu’aa ABO kaleessaa qubee kana balleessuu nii hawwu. Kana balleessuun waan ofii borcanii faffakkeessan kanaan dhaadachuu barbaadu. Dhuma dhumarrammoo afaan Oromoo kana dhabamsiisuuf danda’an Oromoo irmijjaa isaa balleessuu nii barbaadu. Garuu hindanda’an. Akeeka diinaa kana ka duraa hammana yoo jenne, milkii dhabuu isaanii booda maal gochuu filatuu?

  1. TAPHA GURRAACHA (DHOKATAA)

Cunqursitoonni halagaa Oromoof saboota cunqurfamoo biyyattii irratti akeeka jajjabaa nii baafatu. Akeekni kun akkuman olitti ibsuuf yaale akka gaararraa bifa jijjiirrata. Waan bira jiru nii fakkaata. Akkuma Shinfillaa keessaaf duubni wal’aalama. Adeemsa duraan waan garaa garaa akeekanii milki dhaboo ta’uu yoo hubatan, gara tapha gurraachaa ykn dhokataa kanatti fuulleffatu. Taphni gurraachi kumaaraa uummata Oromoof saboota Cunqurfamoo impaayera biyyaattii irratti raawwatamu keessaa tokko. Taphni kun akkaan tapha dhokataa qaroo jabaaf bilchina siyyaasaa jabaa barbaadudha. Tapha kana fagoo dhaabbatanii hubachuyn nii ulfaata. Fagootti bareedaaf gaarii waan uummata kana fayyadu fakkaata. Ariitiin uummata harka kennisiisuu danda’a.

Taphni siyyaasaa ykn kumaaraan kun baajeta guddaa Tigiroota baasisa. Kanaaf ariitiin gad baasuu hinbarbaadan.

Carraa dhumaa kaardii diimaa kennisiisuuf ka’erratti suuqaa baafama. Fiinge dhuma irra erga gahanii gadi baasu. Tapha kana namoota sammuu jabaa qaban namoota muraasatu hubata. Hubannoo isaanii kana uummata hubachiisuuf kan deeman yoo ta’ellee yeroof isaan abaaraman keessa seenu. Kanaaf isaaniis abaarsaaf hunkuramaaf sodaa afaan cufatanii taa’uu yeroo murteessan qabu. Tapha kana erga keessaaf duubnisaa dibamee maxinoo fakkaate erga wal fakkaatee booda gara uummataatti bobbaasu.

Bobbaa isaa kanaan yeroof uummata afaan qabachiisuu, afaan faajjii keessa galchuu irra taree of jala hanga hiriirsuu dandaa’anitti gahaaf. Akeekni dhokataa uummatatti dunuunfatee gad diriirfamu kun uummata akk-malee huba. Lubbuu wayyaanotatti deebisuun hongee isaan irraa qolata. Erga hongaahuuf ka’anii akka isaan bayyanatan taasisa. Akeeka dhokataa ykn kumaara gurraacha kanaan mataa akka Bofaa miliksanii akka hidda tolchuun uummata keessaa qabsa’ota haqaa hiddaan dhabamsiisan illee nii taasisa. Sochii kanaan milkiin argamuufii baatu urgaa’uu jalqaba. Milkiin isaan akeekkatan kun yeroo milkaahuuf illee nii qabaata. Tooftaan lammaan kun lubbuu wayyaanee waggaa 26f keessatti akka eegamuuf waardiyyaa jabaa ta’ee qarqaaraa bool’aa irraa hanbisuun  yoonaan gaheera.

Taphni kun kanaan dura warreen hojiirra oolan keessaa

  1. Walitti Bu’iinsa Gumuziif Oromoo fi kanneen isaan duraas ta’ee isaan asitti uummatarratti dalagame irraa ka’uun madaaluu dandeenya.
  2. Kumaaraa karaa dhoksaa kanaan oladeemtota hedduu nyaatanii addunyaa kanarraa dhabamsiisanii jiran. Qe’ee abbaaf aayyootti gadda huwwisanii jiru. Kanumarraa ka’uun Wellisaa jaallatamaa Eebbisaa Addunyaa, Daraaraa Kafanii, Wellisaa Jireenyaa Ayyaanaa, Biqilaa Baandaa, Simee Tafarraa, Tafaahun Camadaa, Alamayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphaasaa, Fi kanneen kana fakkaatan karoora ykn kumaaraa Dhokataan galafatamuu isaanii hubachun nii danda’ama. Kessaattuu wareegamtoota Bilisummaa Oromoof lubbuu isaanii addunyaa kanarraa darbe erga wareegamaniin booda afaan faajjii uummata gidduutti uumuun akka uummanni wal shakkullee taasisuurratti hojjetamaa ture. Malli kun har’as akkanuma. Tooftaan diinaa jabaataa kan buluuf qabsoon uummataa akkaan fandalalee deemaa jiraachuusaa irraa ta’uun hubataamaadha. Eebbisaa Addunyaa shiroota Obbo Abbaa duulaaf akeeka Tigiroota kaabaan addunyaa kanarraa dhabamuu keessaa beektonni nii dubbatu. Shiroota gurguddaa manneen diinaa keessatti dalagaa turuun adda durummaan yoomuu namni waamamuu qabu Abbaa Duulaa ta’uu uummanni beekuu qaba. Gochaawwaan hamaa uummata irratti raawwataa tureen qabsaa’otaa Addaa Bilisummaa Oromoo jajjaboo biyya keessatti hafan daguuguu irratti hirmaannaa guddaa gochaa turuusaa seenaan lafa kaahuuf jira lafa kaahuttis jira. Seenaa jaallatamaa keenya Jaal Eebbisaa Addunya akkam akka tureef haala du’asaa akkasuma qabsaa’ota gameeyyiin akkamiin akka nu Oromoo keessaa dhabamsiifamaa turan abbootii keenyaarraa sichitti odeeffachuu qabna jechaa.

Gochaawwan kanneen olii kanaan lubbuun wayyaanotaa eegamaa turuusaa hubachuun barbaachisaadha. Barruu kana keessatti yaadni ijoon qabadhee dhiyaadhe, akeeka Liyyuu Poolisii ammaa kanarratti hawwiif jomomii Tigirootaaf saamtota wayyaanee addaan baasnee akka beeknufi shiroota isaanii kana halaalatti qolachuu akka qabnuuf yaadani. Lolli Liyyuu polisii akeeka ykn tapha siyyaasaa mata duree kana jalatti mul’atudha. Adeemsa liyyuu poliisiif egeree isaa kana haalaan dhaabbannee kan ilaallu yoo taate wantoota jajjaboon keessa nii mul’atu. Akkuma beekamu godaansi saamtota ilmaan Tigiree Oromiyaa keessaa dhiyaachuun isaa beekamaadha. Godaansa kanaaf ilmaan nafxanyaaf Oromoon wal ta’ee kaardii Keelloo laatee fii jira. Yeroo Oromoon Kaardii Diimaa itti laachuuf jedhus dhiyoo ta’uu hubatuudhaan akeeka Oromoo akkasumas Qabsoo ummatichaa kan uummata Oromoo mara makatee sochiirra jiru kana dhaabuun dadhabamee ta’uu beekamaadha. Har’a Oromoon hededa galaana Nagaaf galaana Bilisummaa cina gaheera. Seequuf qophaa’ee galaana kana daakuuf akka jirus fuulli Oromoo tokkoon tokkoo irraa nii mul’ata. Dheebuwwaan waggoota dheeraa qabsaa’onni haqaa dheebotaa jirantu galaana ta’ee burqaa dhuganii dheebuu bahan ta’uuf jira. Kunimmoo namoota kaleessa Harmee Oromiyaa akka fedhan kukkutanii foon ishee walii hiruu irra turan yaaddoo hamaa keessa galchee jira. Kanaaf utuu hinjaallatin Tapha Gurraacha/ Dhokataa qabattee bahuun dirqama isheeti. Sochii kana haalaan galmaan gahuu kan danda’u Ollaa Oromoof Oromoo walitti diruun nagaa uummatanii jiraachuu warra barbaadanidha. Hubadhaa! Diinni keenya walii keenya jaallachuu, walii galuun Tokkoomuu keenya hinjaallatu. Wal jibbuu keenya gidduudhaa dhadhaa jireenya siyyaasa isaanii jiisu argataafi. “Warra wal dhabe gidduutii waa nyaatu” isa Oromoon jedhu sana waan qabatanii socho’an fakkaatu. Kanaaf akeeka kana fashaleessuu cinatti siyyaasan diina keenya dursinee argamuun yeroon nu qabnu amma. Saatii kanatti warra ariifatee harka diinaa bu’u utuu hintaane, ilmaan qabsoo haqaa beekan warra miir malee ta’uu nu barbaachisa. Sochii keenya gad jabeessinee kokkee halagaa qabnee jirru kana huunee keessaa baasuu danda’uu qabna

Horaa Bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof

Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati

 

No comments yet.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions