Bilisummaa

Ummatoota Sobaa Jiraachuun Dhaabamuu Qaba!

Ummatoota Sobaa Jiraachuun Dhaabamuu Qaba!
Ibsa ABO

(oromoliberationfront.org) — ABOn gaaffiin ummata Oromoo deebii bu’uraa hanga hin argannetti rakkoolee mirgaan gadii irratti xiyyeeffatuun barbaachisaa akka hin tahiin hubachiisa. Mootummaan Wayyaanee/IHADG ajandaa malaammaltummaa kan kaasee jiru dhugumaan furmaata itti gochuuf osoo hin taane qalbiin lammiilee kanaan akka qabamu taasisuufi. Waan taheef ummatootni Itophiyaa addatti ammoo ummatni Oromoo shira tooftaa jijjirrachaa ummatatti gadi baafamu kana beekuun qabsoo isaa finiinsuu irratti akka xiyyeeffatu yaadachiisa. Hattuu fi saamtuu dullacha haaraan bakka buusuun furmaata hin tahu. Furmaatni hundee rakkoo hundeedhaa dhabamsiisuu dha.

Sirni hacuuccaa fi saaminsaa Wayyaanee wayta mormiin ummatootaa itti jabaatu, diddaa ummatootaa of irraa qabbaneessuuf rakkinootni ummatootaan kaafaman jiraachuu, mootummichis rakkoo qabaachuu amanee fudhatuu dhaan ofan sirreessa, rakkoolee jiranis nan fura jedhee sobatuuf yaaluun tooftaa dhaabbataa yaada ummataa ittiin jijjiiruuf itti gargaaramu deddeebi’ee mul’ate dha. Kanaanis yeroo bitatee mormii jiru qabbaneessuu qofa osoo hin taanee ummatoota yaadan gargar qooduuf itti gargaarama.

Mormiilee Itophiyaa keessatti adeemsifaman keessaa kan akka mormii ummata Oromoo qindaawaa fi mootummaa Wayyaanee sarde hin turre. Kana irraas mootummaan Wayyaanee kan filate sossobbiin mormii jiru qabbaneessuu osoo hin taane tarkaanfii waraanaa deddeebisee fudhatuun ukkaamsuu dha. Kana irraas lammiilee Oromoo kumootaan gara-laafina malee ajjeese, madeesse. Kuma kudhanootaan hidhaatti guure. Manneen adda addaa keessatti addatti ammoo Ma’ikkalaawiitti qorannoo suukanneessaaf kan saaxilaman kumootaan lakkaawaman.

Lammiileen mirga ummata isaaniif dhaabbatuu, haqaa fi dimokraasiif falmuu irraa hiraarfaman, ajjeefamanii reeffi maatiitti galfame, kanneen torcheriin namoomaa ala taasifaman lakkoobsi isaanii guddaa dha.

Kutaleen hidhaa Ma’ikkalaawii hundi gidaarrii isaanii dhiiga ilmaan Oromoon kan halluun dibamanii dha; manni fincaanii fi dhiqannaa dhiiga ilmaan Oromootu waggaa 26 keessa lola’aa bahe. Kanneen Damee tikaa Wayyaanee hogganan Kinfee Gabremedihini fi Geetaachoo Asaffaa, kanneen Oromiyaa waggaa 26f ol aantummaan bitaanii fi OPDO irratti hogganaa tahuun dursan, hojjattootaa tikaa isaanii waliin dhiiga ilmaan Oromoo waggoota 26f dhangala’aa baheef sadarkaa duraatti gaafatamoo tahani. Hogganootni OPDO kan akka Kumaa Dammaqsaa, Abbaa Dula Gammadaa, Muktaar Kadir, Asteer Maammoo fi hedduun kana keessaa qooda ol aanaa qabaatan walumaan gaafatama kana jalaa hin bahan.

Mootummootni Itophiyaa hundi mana qorannoo “Maa’ikkalaawii” jedhamu kanatti gargaaramuun tokko isaan taasisullee, kan akka Wayyaaneetti dhimma itti bahe hin jiru. Jaannama lafa irraa kana manni marii fi manni murtii empaayera kanaa to’achuu fi ajajuu kan hin dandeenye tahuun ammoo miidhaan dhala namaa irra geessifamu caalaatti akka hammaatuu fi babal’atu taasisuuf gargaare.

Bakki qorannoon gara jabinaa fi hammeenyaa itti raawwatamu (Ma’ikkalaawii) kun bakka kanneen haqaaf dhaabbatan itti “jiilchan”, kan seenanii lubbuun bahan hedduun qaamaa fi qalbiin miidhamanii biyyaa fi maatii irratti ba’aa taasifamani dha.

Mana qorannoo gochaan faashistummaa keessatti raawwatamu kana keessatti hammeenyi raawwatamu hangam ulfaataa akka tahe gidaara mana hidhaa kana keessatti barruun dhiiga hidhamtootaan barreeffamee jiru irraa hubatama.

Ajjeechaan lammiilee sochii mirga godhan irratti bara 2002 – 2017 raawwatame hagam ulfaataa fi suukanneessaa akka tahee fi lakkoobsi lubbuun darbee guddaa tahuu yaadatuu qofti gahaa dha. Dhumiinsi suukanneessaa haa tahu jedhamee ayyaana Irreechaa Onkoloolessa 2016, Bishooftuutti kabajamaa ture irratti raawwatame kan hin balaaleffatiin hafe hin jiru. Balaaleffannaan gamasitti dhaabbiileen mirga namoomaa kanneen akka Komiishina Mirga Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa, Gamtaan Awrooppaa, Human Rights Watch, Amnesty International, miseensota mana marii Ameerikaa fi kkf dhumiinsi dhaqqabe suukanneessaa tahuu irraa qaama walabaan akka qoratamu hanga Finfinneetti deemuun mootummaa Wayyaanee gaafatan illee deebii dhorkataman.

Gaaffiin kun akka hin kaafamneefis garee walaba hin taane, mootummaaf baabsu irratti ramaduun gabaasa dharaa ummata gaafatamaa taasisu akka dhiheessu gochuun kanneen yakka kana raawwatan akka itti hin gaafatamneef haguugame hambifame. Kana irraas kanneen dhiiga lammiilee Oromoo dhangalaasuu fi dhangalaasisuu keessatti qooda ol aanaa qaban kanneen akka Getaachoo Asaffaa, Debratsiyoon G/Mikaa’el, Abbaay Tsehayyee fi ajajootni waraanaa hundi murtii seeraaf osoo hin dhiheeffamiin hafuu qofa osoo hin taane dabalataan Oromoo ajjeesuu fi dararuu akka itti fufan taasifameera.

Oromiyaan alatti ajjeechaan bulchiinsa gara garaa keessatti raawwatamu maalummaa mootummaa Wayyaanee dabalataan hubachiisa. Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti gaaffii eenyummaan wal qabatee ka’een lubbuun galaafatamee fi qabeenyi barbadeeffame ulfaataa dha. Akkasuma Kibba ummatoota Itophiyaa, Gambeellaa, Sidaamaa, Konso fi bakkoota hedduu biroo keessatti ajjeechaa fi hidhaan raawwatame ummatoota Itophiyaa qofaan osoo hin taane addunyaa hundaan balaaleffatame. Ajjeechaan hedduun kan ilaalcha ummataa fi addunyaan duuba kutaalee fi onoota Oromiyaa fi naannoolee umamtoota Itopiyaa biroo keessatti tahaa bahe lakkoobsa isaa kan beeku hin jiru.

Humnaa fi tarkaanfii gara jabinaan qabsoo haqaa kan dhabamsiisan itti fakkaatee tarkaanfiileen fudhatan hundi garuu qabsaawotni kumootaan falmaa akka seenan taasise malee mooraa qabsoo hin dhabamsisne. Ummatootni gaaffiilee haqaa qabatanii ka’an irratti cichuun akka diddaa isaanii itti fufan taasise malee diinaaf hin jilbeenfachiifne. Kana irraas wayta ammaa sirna otontoraa kana tursuuf akka amala isaanii yaadi ummatootaa dhimma biraa irratti akka xiyyeeffatu taasisuuf mala isaanii dullacha qabatanii ka’anii jiran.

Buddeen abjuun quubsuuf biyya misoomsina jechaa jiran. Farra guddinaa kan tahe malaammaltummaa irratti duula waan jalqabneef nuhi waliin hiriiraa jechaa jiran. Kun hundi garuu kijiba tahuu ummatoota jalaa dhokataa miti. Dhimmi malaammaltummaa yeroo hunda wayta muddamsuu keessa seenan waan kaafamuuf. Dhuguma malaammaltummaa irratti duulu yoo tahe: kanneen akka Sbihat Naggaa, Azeeb Masfin, Abbay Tsehayyee, Bereket Simo’on, Arkebe Uqubai fi kkf to’atuun agarsiisuu qaban. Jeneraalotaa fi ajajoota waraanaa isaanii gadii harka qullaa dhufanii abbootii gamoo tahan murtii seeraaf dhiheessuun duula eegaluu isaanii agarsiisuu qabu turan.

Ilmaan aangaawota Wayyaanee abbootii isaaniin dahatanii qabeenya biyyaa fi ummatoota saamuun miliyoonotaan kuufatan dhuunfatuun ummatootatti agarsiisuu qaban. Geetaachoo Asaffaa fi qondaalotni tikaa Wayyaanee mallaaqa alatti kuufatan hunda ifa gochuu qaban. Kanneeniin alatti maallaqa biliyoonotaan lakkaa’amu aangaawota Wayyaanee gagabboon biyyoota alaatti guurame akka deebifamu yoo taasifame duulli malaammaltummaa tarii duula jedhama taha. Kun ammo waan yaadamu akka hin taane kan hin beekne gowwaa qofa. Hogganaa fi qondaalli EPRDF aangoo irra jiruu fi hin jirre kana irraa bilisa tahe waan hin jirreef duulli malaammaltummaa gaggeeffamu duula osoo hin taane tapha. Kanatti dabalees duulli kun hattootaa fi saamtoota gagabboo fayyisuuf kanneen xixiqqoo wareeguuf yaaduu irraa baacoo qopheeffame tahuu irra hin dabru.

Bakka mirgi ummatootaa hin kabajamnetti, sirni gabrummaa fi cunqursaa hundeen hin jijiiramnetti akeekni bu’uraa gartuu Wayyaanee saaminsa tahee jirutti, malaammaltummaa dhabamsiifna jechuun olola dharaan ummatootaa goowwomsuuf yaaduun of irratti qoosuu dha. Ummatni kanaan gowwoomus hin jiru. Har’atti hundaan olitti gaaffiin belbeltuu gaaffii mirgaa ummatootaaf deebii kennuu malee duula hin jirreen ummatoota afanfaajjeessuu ykn xiyyeeffannaa isaa jijjiirsisuu miti.

ABOn gaaffiin ummata Oromoo deebii bu’uraa hanga hin argannetti rakkoolee mirgaan gadii irratti xiyyeeffatuun barbaachisaa akka hin tahiin hubachiisa. Mootummaan Wayyaanee/IHADG ajandaa malaammaltummaa kan kaasee jiru dhugumaan furmaata itti gochuuf osoo hin taane qalbiin lammiilee kanaan akka qabamu taasisuufi. Waan taheef ummatootni Itophiyaa addatti ammo ummatni Oromoo shira tooftaa jijjirrachaa ummatatti gadi baafamu kana beekuun qabsoo isaa finiisnuu irratti akka xiyyeeffatu yaadachiisa. Hattuu fi saamtuu dullacha haaraan bakka buusuun furmaata hin tahu. Furmaatni hundee rakkoo hundeedhaa dhabamsiisuu dha.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 5, 2017

For Amharic Version – Click Here

No comments yet.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions