Waan Jiru Dhiisanii Waan Hin Jirre Xibaaruun Qabsawaa Nama Hin Taasisu!

Waan Jiru Dhiisanii Waan Hin Jirre Xibaaruun Qabsawaa Nama Hin Taasisu

Qixxeessaa Lammii | Ebla 10, 2017

NamaNamootni Oromoo ofiin jedhan hojiidhaan diinummaa dalagan guyyaa irraa guyyatti baay’achaa jiru. Akeekaa fi kaayyoon isaanii diinummaa ta’ee osoo jiru qabasaawaa dorgomaa hin qabne ta’anii hennaa of faarsan hin qaanfatan. Barri bara guddinaa kan addunyaan woxxee tokkotti deebite ta’uun isaaniif hiree ummata Oromoo ittiin diigan aanjesseef. Mi’aan haasawa isaanii damma daamuu caala. Gochaan isaanii ammoo hargiisa irra hadhaawa. Qara dursee eenyummaa isaanii beekee irraa of qusate malee doomaa fi doofaan maalummaa isaanii hin beekne farad diiggaa yaabbatee waliin yoo garmaamu mul’ata.

Sababaan barruu kiyyaa inni bu’uuraa namoota yaadaa fi ilaalcha adda addaa qaban walitti qabee balaaleffchuu miti. Xiyyeeffatnaan kiyya namoota ilaalcha addaa akka waan qabanii fakkaatanii summii dawaa hin qabne ummata Oromoo giddutti facaasan akeekkachiisuu fedheeti. Sab himaalee gara garaa irratti yaa’anii yoo bookkisan korma hiriyyaa hin qabne fakkaatu. Haasofni isaanii garuu nama arrabsuu irraa eegala. Hojii irra huffee heddummeessu. Beekaa addaa of fakkeessu. Nama tuffachuu fi balaaleffachuun amala isaan ittiin beekkaman keessaa isa tokko. Kan nama gaddisiisu garuu Oromoo ta’anii Oromoo arrabsuun ofuma arrabsuu wallaaluu isaaniiti. Namoota dukkana halkan roobaa keessa dunuunfatanii deemantu beektota Oromoo of taasisuuf hiixatu. Ballaan masakkaa malee deemu yoo jiraate warroota akkasii kana. Harreen ofiifuu hin galtuu looniin galtii akkuma jedhame, namootu maalummaa mataa isaaniituu hin beeknetu saba guddaa beekaa hooggannu malee jedhanii bakka maratti haakkifatanii diddigu.

Atuu nama arrabsaa jirta akka jedhamu nin beeka. Ofis arrabsu quuqaa garaa qabu buqqifachuu qaba jedhetuma itti seene. Oromootni saba isaaniif jiruu fi jireenya isaanii balleessanii umrii isaanii falmaa irratti fixan har’a namoota akkasii biratti kabajaa hin qaban. Inumaahuu akka yakkamtootaatti irratti ololu. Qabsaawota durii abaaruun jibbansa qabaniif ibsachuuf sarara duraa irratti hiriira galanii jiru. Qabsaawotni adeemsa namoota kanaa qulqulleeffatanii hin beekinis kan isaan waliin hiriiranii ofitti duulanis ni jiru. Hubatnoota dhaba irraa of miicu waan ta’eef isaan akkasii irra ilaaluun rakkisaadha. Akka bakka dhaabbatan deebi’anii ilaallatan itti himuun garuu barbaachisaadha. Silaa akka fedhii kiyyatii qabsaawotni durii duumessa bubbeen yeroo asii fi achi ooftu ta’uu hin qaban. Kashalabdootaan ijaaramanii asii achi reeqqisuun ifaajee isaanii xuriin qaqqabachuu akka ta’e beekuu qabu. Kan hin beekne dhama’uu danda’a. Kan silaa ni beeka jedhame dhama’ee nama biraas dhamaasuuf dhama’uun ammoo silaa hin barbaachisu.

Namootni sammuun isaanii jibbansa qabasaawota kaleetiin guuttamte farreen ummata keenya guyyaa adii gadi ciibsanii qalaniin wajji garaa garummaa hin qaban. Isaan akkasii yeroo hedduu dhaaba Oromoof qabsaawu irra farreen ummata Oromoo diina jalatti sakaalanii ittisan faarsuuf hennaa carraaqan dhagahamu. Namoota kaleessa ummata keenya cabbiin sijjaa irraa haadanii mana hidhaatti guuraa turan, har’a itti dabnaan baqatanii biyyaa bahan firoomfachuu barbaadu. Badii isaaniin itti gaafatamuu irra akka isaan qabasaawota durii irratti duula haaraya bahan haala aanjisuufiif yaalu. Wal tajiileen bara as aanu kana biyyoota Oromaatti taasifamaa turan keessaa harki caalu namoota akkasii kana ammachuun mirkaniidha. Kan walitti nama qabuu fi kan walitti qabamus daammiidha. Fayyaaleyyiin as keessatti lafa badaa jiran ammo danuudha.

Qabsaawota ummataaf wareega of kennan tuffachuu fi arrabsuun dhuguma dhala Oromoo kan milkii Oromoo walii galaaf yaadu irraa waan barbaachisu natti hin fakkaatne. Oromoon qaama tokko. Rokkoo, yaada, hawwii, afaan, aadaa, seenaa, jiruu fi jireeyaa fi biyya tokko waliin qaba. Namootni kanatti hin amanne kan tokkummaa Oromoo arguu mitii dhagahuyyuu hin feene garuu ummata kana tokkummaa dhabsiissuuf dhagaan halkanii guyyaa hin fonqolchine hin jiru. Keessummaa duulli karaa sab-qunnamtiilee gara garaa irraan ummata keenya diiguu irratti bobba’e kan tuffatamuu miti. Ummatni keenya kana irratti kan hubachuu qabu, eenyus haa ta’uu eenyu namni afaan guuttatee akka gosaa fi amantiitti hafnaan akkuma nama tokkeettis hojii isaa arba taasifate diina ta’uu beekuu qaba.

Firri qabsoo keenyaa nam-tokkee irraa kaasee hamma sadarkaa sabaatti qaama saba guddaa kanaaf dhimme qofa. Haasawaa fi hojiin isaas akeekaa fi kaayyoo ummatni keenya bara dheeraaf qabsaawaafii ture kana karaa milkii itti argatu mala dhahu callaadha. Kana irraa warrii hafan kan gandaan, gosaan, amantiidhaan, lagaan, ilaalchaa fi jibbansaa fi tuffii gara garaatiin qabsaawotaa fi ummata Oromoo diiguu irratti bobba’an cuftuu diina saba keenyaati.

Namootni akka namaatti sirna bulchiinsa nama nyaataa kana keessatti qooda fudhatanii ummata keenya miidhaa turanis kan baqatanii biyya Oromaatti dahatanis ta’ee hamma ammaatuu diina waliin hojjachaa jiran yakka kalleessa ummata irratti raawwatan har’allee irra deebi’anii haarayatti raawwachuuf wixxifachuu silaa hin qaban. Qabsoo sabichaa bira dhaabbachuu yoo hin feenee fi hin dandeenyes ta’e afaan isaanii qabatanii yoo ta’an filatamaadha. Waan biraa gochuu dadhaban cal’eessaan diinatti duula bahuu malan. Harka hanna barate doolutu socho’a akkuma jedhame haalaa fi amal mootummaa bulguu kana keessatti baratan, muuyxeffatan itti fufanii raawwachuun itti gaafatama seenaa jalaa akka isaan hin baafne beekuu isaan barbaachisa.

Waan hin jirre haarayatti uumuuf dhama’uun hin barbaachisu. Dhaabota horuun rakkoo Oromoof furmaata hin ta’u. miila lama qabaataniif karaa lama hin bahan akkuma jedhame Oromoon nama tokko. Karaa tokkicha qaba. Karaan tokkichi saba keenyaaf ta’u isuma bu’uuraati. Dhaaba hayyootni qabsaawotni hiriyyaa hin qabane bu’uuranii falamaa irratti dirqama isaanii raawwatanii nutty gatan ABO humneessuu fi jabeessuu qofa. Dhalli Oromoo har’a akka bofaatti diinaan mataa keessa tumamee ajjeefamaa jiru cufti maqaa Oromoo jedhu qofaani malee ati isilaama, kirstaana, waaqiffataadha, gosa sani, gosa kana jedhamee kan ajjeeffame hin jiru jechuun na dhibus harki guddeessi garuu maqaa Oromummaatiin dhume. Wanti nama ajaa’ibsiisu kan biraa ammo mootummaan Tigree ilma Oromoo kallattiin dura dhaabbatee isaan lolu irra alaabaa ABO sodaachuu fi jibbuudha. ABOn alaabaa isaa dhiisee karaa nagayaan galee karaa filmaataan ummata kiyyaaf falmadha osoo jedhee harka lamaanii reebbattee ililbeen ofitti fuuti. Sababni dhala Oromoo alaabaa kana harkatti argite mara fixxuufis kanumaaf. Mallattoo eenyummaa Oromoo hawaasa addunyaa duratti cululqsee mul’ise waan ta’eef wayyaaneen nama irra alaabaa kana sodaatti. Alaabaa kana biyya keessatti lalisiisuu hayyamuu irra walabummaa biyyaa fi bilisummaa sabaa hayyamuu irra filatti.

Dhuguma alaabaan kun seenaa boonsaa hiriyyaa hin qabne qaba. Mallattoo biyya takkaa osoo hin taane alaabaa mallattoo Afrikaa guutuutuu ta’uu danda’u. Hiikkaa fi midhaaginni inni qabu alaabota haawaasota addunyaa hundaa dorgommiif osoo dhiheessanii akka sadarkaa ol aanaa qabatu beekkamaadha. Ormoota alaabaa kana uumamni galatni isaanii lafa hin badin. Alaabaa harka namaan dalagame ta’ulee uumama uumaadhaan kenname fakkaata. Dhalli Oromoo hedduun sababaan ittiin ajjeefamuufis ulfina inni qabutu qiimaa hin qabne. Gootota meeqatu inni harka diinaa seenee ija tiyya duratti gubamuu irra jedhee afaan kaahatee liqimse. Dargaggoo gooticha magaalaa Dodolaa akka fakkeenyaatti maqaa dhahuun ni gaha.

Namootni dhaaba alaabaa kana qabatu jibbanis sababaan isa maxxafachuu irraa duroomuu dhabaniif kanuma. Har’a alaa keessatti, fagoo dhihotti , guddaa xiqqaa, dhiiraa dubartii Oromoo cufa biratti alaabaan fudhatame alaabaa kana malee hin jiru. Akka dhaabota Oromootti alaabaa hedduudhatu jiru. Kan onnee ummata Oromoo ta’e garuu isuma ABO kana qofa. Kana ammo firaa fi diinnis akka gaaritti beekee jira. Ol bararii gadi bararii allattii kaati lafa, buuti lafa, duuti lafa akkuma jedhame waan duri hin jirre uumuu fi dhama’uu irra waan duraan uumamee lafa jiru jabeeffatnee ummata keenya dheebuu walabummaa fi bilsimmaa baasuu qabna. Fareen qabsoo Oromoo kan keessaa fi kan alaas sochiin isaanii milkii argachuu akka hin dandeenye ifaadha. Warri dhugaa itti fakkaataa jala deemuu fi isaan ummata dhamaasanis gocha hammeenyaa kana irraa deebi’anii gara ir-jiree saba bal’atti deebi’uu qabu. Dhalli Oromoo yaada kanaan faallaa ta’e qabu dhuguma Oromoo ta’uu dhabuu isaa ofitti beekuu qaba. Sabni Oromoo asii achi diina isaa fira seehee caqasuu hin qabu.

Waan jiru dhiisanii waan hin jirre xibaaruun qabsaawaa nama hin taasisu waan ta’eef Oromootni dhaabbota biraa moggaafatanii fi moggaafatuuf tilmaama qabanis yaada fallaawaa isaanii kan ummata Oromoo bal’aa humnaa fi jabina dhoorgu kana irraa tooybatanii karaa qajeelaa fi eebbifamaa ganamaa kana irratti akka deebi’an mamii hin qabu. Ilmi qaroon kan qabu jabeeffatee kan biraa barbaaddata.

ABOn keenya malee kan murna muraas kamuutuu miti. Loon ganama keenyaan bobbaafatanii galgala kiyyaan keessaa addatti fooyatanii galfatanii miti. Alaabaan isaas akkasuma alaabaa teenya malee tan nama tokkee miti. Haadhuuraa ykn hallanyaa Oromoo walii galati.

Tokkummaan humna, walii galteen jabina, waliif abboomamuun bilchina, waliin qabsaawuun moohinsa ykn injifatna.

Injifatnoo Ummata Oromoof!

Qixxeessaa Lammii.

2 Responses to Waan Jiru Dhiisanii Waan Hin Jirre Xibaaruun Qabsawaa Nama Hin Taasisu!

  1. Me. April 11, 2017 at 2:20 pm #

    Gambian migrants returning home from Libya carry bags from UN agency the International Organization for Migration. Ethiopians are preferring to stay as slaves sold in a slave market in Libya rather than returning to their home country while West Africans return Ethiopians stay.
    African migrants are being bought and sold openly in modern-day slave markets in Libya, survivors have told a UN agency helping them return home.

    April 9/2017 “Tragically, the most credible messengers are migrants returning home with IOM help,” said spokesman Leonard Doyle. “Too often they are broken, brutalised and have been abused. Their voices carry more weight than anyone else’s.”

  2. Guddataa April 26, 2017 at 6:11 pm #

    waan kanaa olitt barreefamee akkuma jirutan fudha,yaada gabbisaa ta`an baayeetu keessa jira.Haata`u malee waayee alaabaa irratti walii galuu hin dandeenyu.1.Ijaarsi tokko faajjii malee alaabaa qabaachuu hindanda´u.
    2.Akkuma Kanaan ABOnis faajjii mataa isaa qaba,as irratti kun alaabaa oromotii jette oromoon hundi naa fudhata yoo jette hin gowoomte.kanaaf dura faajii fi alaabaa addan baafatanii beekuun barbaachisaa ta`a. 3.Sabni Oromo seera gadaatiin waggoota dheeraa of bulche jennee alagaa fi diinatti himaa jirra,kunis dhugaadha.edda akkana ta`e alaabaa mataa issaa qabaachaa hin turre jette fudhataa ? mo alabaa abbaa gadaa hamma amaati hin aggaree ? jalatus jibitus alabaan Oromo kan hin jijiramne alaabaa abbaa gadaati.Oromnni osso diinaan lolan lubbuun isaani dabre Saba oromootii jedhanitti malee faajii ati jettu kanaa jedhanii akka hin taanee bari.Ulfina gudaa jagnotaatif.

Leave a Reply

Designed and Developed by NextGen IT Solutions